Yesuus Yennaa Ijoollichaa Galma Waaqaa Keessatti Hafe
41 Abba’aa fi haati Yesuusii wogguma wogga’aan guyyaa Jila Irra Dabaramaa gara Yerusaalemii dhaqan. 42 Yennaa Yesuus woggaa kudhanii lama guute, akkuma baratametti isaan gara jilaa dhaqane. 43 Yennaa jilti hobbaate, gara manaa deebi’iisaaf ka’ane; Yesuus ammoo Yerusaalemitti hafe. Abba’aa fi haati isaa waan kana hin beenne. 44 Waan inni worra woliin jiranu woliin jiru seyanee, guyyaa guutuu ideemaneen duuba firootaa fi jaalota ifii bira iyyaafatiisaaf ka’ane. 45 Isaan yennaa isa dhabane, barbaadiisaaf gara Yerusaalemii deebi’ane. 46 Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee’ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane. 47 Worri isa dhage’ane maraa beekkuma isaatii fi deebii inni deebise baaseffatane. 48 Abba’aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra» isaan jette.
49 Yesuus deebisee, «Isin maaf na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee’uu male hin beennee?» isaaniin jedhe. 50 Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne.
51 Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi’ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te’e san mara gadhaa ifiititti qabatte. 52 Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma’aa fi gaaro’oon guddate.