Tissitootaa Fi Ergantoota Waaqaa
8 Dirree adaala biyya saniititti tissitooti halkaniin horii tissaa bulanu jiran2:8Tissitooti horii halkaniin tissaa bulanu: Tissitooti horii miree yookiin foora bulchanu. 9 Ergamaan waaqaa dedhuma isaanitti mudhatee, ulfinni Gootta’aalle isaanitti ifee jennaan bararaqane. 10 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina’a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe. 11 Adha qachaa Daawitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos. 12 Beessisi isaalle kana: annuu hoccu’uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan» isaaniin jedhe. 13 Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba’aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee, 14 «Ulfinni ol-gubba’atti Waaqaaf te’u, lafalle’etti worra inni jaalatuuf nageenni te’u» jedhanee Waaqaa galateeffatane.