Deebi’ee Dhufiisa Ilma Namaa
25 Yesuus itti aansee, «Beessisi aduu, ji’aa fi urjoota irratti hin te’a. Bulpheessa abbaaya’aatii fi danbali’iitiin ka ka’e lafa irratti gosi duudiin sodaattee, waan gootu wollaalti. 26 Hunnooti21:26Hunnooti: Urjoota fa’a ilaala; Raaga Isaayaasii 34:4 ol-gubba’aa waan raafamanuuf, kolbaan waan biyya lafaa irratti dhufaaru sodaattee eegatiisaan hin gaggaddi.