3 Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te’e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene. 4 Maarre Yihudaan dhaqee sooreyyii hayyootaatii fi qondaaltota22:4Qondaaltota: Dura aantota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif kennu mari’ate. 5 Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane. 6 Maarre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif kenniisaaf, yennaa dagu’uu barbaadatiisatti ka’e.