Ideemiisa Gara Emahuusii
13 Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetira kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu. 14 Isaan marroo waan te’e kana maraa haasowiisatti jiraniiyyu. 15 Adoo isaan waan kana haasowaa mari’atanuu, Yesuus ifumaafuu dhufee biraan bayee, isaan woliin ideeme. 16 Ammoo akka isaan isa hin hubanne, ilti isaanii qabanteerti. 17 Yesuus isaaniin, «Wonni isin haasowaa ideentanu kun maan inni?» jedhe. Isaan fuula gaddaatiin achuma dhaabbatane. 18 Achiin duuba isaan keessaa Qileyophaa ka jedhamu tokko deebisee, «Yerusaalem keessatti nami keessummaan ka waan dhikoo tana achitti te’e hin beenne, si’uma calla’aa?» jedhe. 19 Inni, «Maan inni?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Marroo Yesuusii nama Naaziretii, ka waan godhee fi waan dubbateen Waaqaa fi kolbaa mara duratti raagaa jabaa, 20 ka sooreyyiin hayyootaatii fi bulchitooti teenna akka du’uu fi fannifamu itti muranee dabarsanee kennane. 21 Nuuti ammoo ka Israa’el wodu isa jennee addii itti godhanneerra. Kana maraa irratti, wonni kun mara haga teeteen adhi guyyaa sadeesso’oo ti. 22 Dabalamaan, dubartooti golii teennaa nu maalalchaneeran; isaan adha barii halkaniin gara boolla awwaalaa dhaqaneeran; 23 ammoo reeffa isaa hin dhaggine. Achii deebi’anee, ergantoota Waaqaa ta, ‹Inni hin jira› isaaniin jette akka mudhi’iin dhaggane nutti himane.
24 «Worra nu woliin jiranu keessaa gariin gara boolla awwaalaa dhaqanee, akkuma dubartooti sun jedhane teeteertuun dhaggane; isa ammoo hin dhaggine» jedhanee itti himane. 25 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin attam attam gowwoole’e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara’a! 26 Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa’aa motii ree?» jedhe. 27 Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse’eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike.
28 Gara ollaa itti dhaqiisatti jiranuu yennaa dhikaatane, Yesuus akka waan dabaree ideemuu te’e. 29 Isaan ammoo, «Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!» jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene. 30 Isaan woliin qori’itti hiiqee yennaa tee’e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne. 31 Achiin duuba ilti isaanii banantee, isa hubatane; inni ammoo ila isaanii duraa miliqe. 32 Isaan wol woliin, «Yennaa inni kara’atti nu woliin haasowee fi Barreeffama Woyyicha nu’uuf hiike, gadhaan keenna hin gubannee?» jedhane. 33 Isaan yennuma san ka’anee gara Yerusaalemii deebi’ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee, 34 «Goottaan dhugumaan du’aa ka’eera, Simoonille’etti mudhateera!» jedhane. 35 Achiin duuba jarri lamaan waan kara’atti te’e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane.