Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Luqaasii 4:16-21

16 Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka’e, 17 kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee,

18 «Ayyaanni Gootta’aa ana irra jira,

worra hiyyeeyyi’iif Oduu Gammadaa akka himuuf na muudeera.

Worra booji’ameef bilisummaa akka lassuuf,

worra ballaa akka dhaggisiisuuf,

worra miicame akka baasuuf,

19 woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle

akka lassuuf na ergeera» dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge.

20 Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee’e. Kolbaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte. 21 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummowe» jedhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.