Yesuus Barattoota Jalqabaa Waame
1 Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii5:1Abbaayaa Genesaarexii: Abbaayaa Galiila’aa dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage’iisaaf gara isaa wol dadarbite. 2 Inni hoboloota lamaan qarqara abbaaya’aatitti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu. 3 Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti’ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee’ee gumii barsiise.5:3 Mat. 13:1-2; Mar. 3:9-10; 4:1 4 Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, «Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa’a» jedhe. 5 Simoonille, «Barsiisa’a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa» jedheen. 6 Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa’iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane.5:6 Yoh. 21:6 7 Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane5:7Haatatane: Harkaan, ilaan, mataa raasiisaan waamane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi’iin akka malee guutane. 8 Simoon Pheexroos waan te’e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, «Goottaa kiyya ani cubbichaa, natti hin dhikaatin!» jedhe. 9 Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane. 10 Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te’ane, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, «Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta» jedhe. 11 Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane.