18 Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare’een ba’atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane. 19 Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare’eenuu woliin kolbaa oddu’utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane5:19Ijaarsi mana Yihudootaa keenna irraa waan goruuf heellichoo manaa saaqanee deebisu’uuf hin dande’an. 20 Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, «Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe. 21 Barsiisoti Seera Muuse’eetii fi Fariisaayoti, «Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande’a?» jedhaa yaadatane. 22 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan? 23 ‹Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii ideem› jechu’utti kaso’o? 24 Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka’i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!» jedhe. 25 Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka’ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme.