Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 6

Yesuus Namicha Harka Laashoweeru Tokko Fayyise

6 Guyyaa Sanbata dhibi’ii Yesuus gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira. 7 Barsiisoti Seera Muuse’eetii6:7 Barsiisoti Seera Muuse’ee: Hiikkaan gariin barreessitoota qofa jedha. fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane. 8 Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, «Ol ka’i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!» jedhe. Jennaan namichi ol ka’ee achi dhaabbate. 9 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?» jedhe. 10 Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, «Namichaan harka keeti diriirfadhu» jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi’ee fayye.

Veja também