Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise
1 Yesuus waan san mara kolba’aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme. 2 Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma’aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du’iisaaf dhikaateeraayyu. 3 Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage’e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge. 4 Isaan gara Yesuusii dhufanee, «Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba. 5 Inni kolbaa teenna jaalata, Mana Waaqonfannaa Yihudootaalle nu’uuf ijaareera» jedhaa jabeessanee kadhatane. 6 Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin; 7 maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla’aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. 8 Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi’iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle’een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe. 9 Yesuus tana yennaa dhage’e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa’el keessalle’etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe. 10 Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi’anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane.