Yesuus Ilma Haadha Hiyyeessaa Tokko Du’aa Kaase
11 Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane. 12 Yennaa Yesuus seensuma karra qacha’aa bira geye, namooti reeffa ba’ataneeranu itti dhufane. Nami du’eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirti. 13 Goottaan yennaa isii dhagge, nayeefii, «Hin bowin» jedheen. 14 Itti hiiqeelle raree reeffaan ba’ataneeranu harkaan tuqe. Worri reeffa ba’ateerulle dhaabbate; Yesuus, «Dargaggeessa! Ani si’iin jedha ka’i!» jedhe. 15 Dargaggeessi du’e sun ol ka’ee tee’ee dubbatiisa jalqabe. Achiin duuba Yesuus deebisee haadhaaf isa kenne. 16 Isaan martinuu sodaatanee, «Raagaan guddaan nu’uma keessaa ka’eera; Waaqi kolbaa ifii fayyisu’uuf dhufeera» jedhanee Waaqa galateeffatane. 17 Gurri Yesuusii biyya Yihuda’aa maraa fi adaala biyya sanii maratti dhage’ame.