24 Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi’itti dubbatiisa jalqabee: «Maan ilaaliisaaf gara goomole’ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? 25 Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman. 26 Natti hima’a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga’a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane. 27 Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‹Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si’iin dura erga› jedheera. 28 Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala» jedhe.
29 Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage’ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane.7:29-30 Mat. 21:32; Luq. 3:12 30 Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha’aatitti cuuphamuu didatane.