Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Luqaasii 9

Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Erge

1 Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne. 2 Achiin duuba mootummaa Waaqaa akka lallabanuu fi worra dhibamaa akka fayyisanu erge. 3 Inni isaaniin, «Ideemiisa kara’aatiif womaa hin qabatina’a: ulee yookiin korojoo, galaa yookiin beesee, woyaa uffattane malee ta dhibii hin qabatina’a. 4 Mana seentanu maratti, qachaa sanii baatanee haga deentanutti achuma tura’a. 5 Yoo kolbaan isin fudhatiisa dhadde, akka beessisa isaanitti teetu bukuu miila keessanii hargufadha’aatii qachaa sanii deema’a» jedhe. 6 Maarre ergantooti achii bayanee olloota maraa keessa Oduu Gammadaa lallabaa, kolbaa fayyisaa deemane.

Veja também