Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 9

Yesuus Nama Kuma Shan Areere

10 Ergantooti deebi’anee waan hujane mara Yesuusitti himane. Achiin duuba inni isaan qofa fudhatee, gara qachaa Betsayidaa jedhamuu tokko dhaqe. 11 Kolbaan marroo waan kanaa yennaa dhageette, isa hordotte. Innille isaan fudhatee, marroo mootummaa Waaqaa barsiisee, worra dhibee irraa fayyiisi barbaachiselle fayyise. 12 Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, «Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla’aa fi oorruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli’ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi» jedhane. 13 Yesuus ammoo, «Isinuu waan isaan nyaatanu kenna’aaf» isaaniin jedhe.

Isaan ammoo, «Yoo dhandhee sagalee kolbaa tana duudi’iif geettu binne malee, nuuti daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa qanna» jedhane. 14 Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu.

Yesuus barattoota ifiitiin, «Akka namooti cinna shantama shantamaan tee’anu tolcha’a» jedhe.

15 Barattooti akkuma inni jedhe nama maraa teessisane. 16 Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubbaaa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba’aaf akka qoodanu barattootatti kekenne. 17 Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane.

Veja também