Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 9

38 Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo’oon, «Barsiisa’a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha. 39 Ayyaanni hamaan dedhuma itti ka’aa iyyisiisa, lafatti isa dhowee wixirachiisee, afaan isa hoomacheessa; miidhaa tureen duuba farra jaddu’uun gad lakkisa. 40 Ani akka barattooti teeti baasanuuf kadhadhe; isaan ammoo hin dandeenne» jedhe. 41 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota dhugeeffannaa hin qannee fi jalliyyee kana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Me mucaa keeti as fidi» jedhe.

42 Adoo mucaan gara Yesuusii dhufiisatti jiruu, ayyaanni hamaan lafatti isa dhowee wixirachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa san xixee, mucaa fayyisee, abbaa isaatiif deebisee kenne. 43 Kolbaan marti guddinna hunna Waaqaa baaseffatte.

Yesuus Ammalle Marroo Du’aa Fi Du’aa Ka’a Ifii Dubbate

Kolbaan martinuu waan Yesuus hojjate maraa adoo maalalfattuu, inni barattoota ifiitiin,

Veja também