Daabboo Waaqaaf Dhikaattu
5 «Bullaa dansaa fuudhiitii xaltaa daabbo’oo kudhanii lama, tokko tokkoon isaa kiiloogiraama lama lama ka te’e bilcheessi. 6 Xaltaa daabbo’oo san xarapheessaa worqii qulluu irraa hujame irratti tarree lamaan, jaan jaaniin fuula kiyya dura wol irra naqi. 7 Xaltaa daabbo’oo san woliin qooda yaadannoo kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu akka te’u, hixaana qulluu tarree lamaan san irra kaayi. 8 Aaron bakka kolbaa Israa’elii bu’ee daabboo tana, Sanbata mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti. Tun Gondooroo bara baraa teetuu ti. 9 Daabboon tun qooda Aaroniitii fi qooda ilmaan isaa ti; kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii ka irra caalaa woyyicha te’e keessaa tokko waan te’eef, addee woyyitti’itti nyaatanuu ti. Kun seerata haga bara baraa ti» jedhe.