21 Yesuus isa hubatee ilaalee jaalatee, «Waan tokko calla’atti si irraa dhidhate. Dhaqii, waan qaddu gurguriitii, worra hiyyeeyyi’iif kenni, ol-gubba’atti hin duroontaa; achiin duuba koyiitii na hordofi!» jedheen. 22 Namichi yennaa dubbii tana dhage’ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme.