Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maarqoosii 10:35-45

35 Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanee, «Barsiisa’a! Nuuti akka ati nuuf tolchituuf waan barbaannutti jira» jedhaneen.

36 Yesuus, «Akka ani isinii tolchuuf wonni isin barbaaddanu maan isiin?» isaaniin jedhe. 37 Isaan deebisanee, «Yennaa barcumaa keeti ka mootummaa ulfinnaa irra teette, tokko midda keetitti, tokko bitaa keetitti akka teennu barbaanna» jedhaneen.

38 Yesuus ammoo, «Isin waan gaafattanu hin beettanu! Muduunuu10:38: Muduunuu: Buduunuu, kobolaa rakko’oo ta ani itti unutti unuu hin dandeettanii? Akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe.10:38 Luq. 12:50

39 Isaan, «Hin dandeenna» jedhaneen.

Yesuus, «Isin dhugumaan muduunuu ani itti unutti unuu hin dandeettan, akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan. 40 Middaa fi bitaa kiyyatti filee ka teessisu ammoo anaa moti; addee tana worra qophootteertuuf ka kennu Waaqa» isaaniin jedhe.

41 Barattooti kudhan hafane kuun yennaa waan kana dhage’ane, Yaaqoobii fi Yohaannisitti aarane. 42 Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Mootoleen worra Yihudoota hin te’inii, worra mowanu hunnaan akka mowanu, bulchooti isaaniille baallii guutu’uun akka bulchanu isinuu hin beettan. 43 Isin oddu’utti ammoo akkas hin te’u; eennulle isin keessaa nama guddaa te’iisaaf ka barbaadu, tajaajilaa keessan te’uu ti. 44 Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te’iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te’uu ti. 45 Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.

Yesuus Barxiimewoosii Ila Balla’aa Fayyise

(Mat. 20:29-34; Luq. 18:35-43)

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.