4 Isaan deebisanee, «Muuseen ‹Nami tokko woraqata lakkeessaa10:4Woraqata lakkeessaa: Akkuma Gujiin dibee ibidda ifii galchu, bara san woraqata lakkeessaa barreessanee ibidda ifii lakkisan yookiin galchan barreessee akka lakkisuuf eeyyameera› » jedhane.10:4 Mat. 5:31
5 Yesuus deebisee, «Muuseen sababa mataa jabeenna keessaniitiif seera kana isinii barreesse. 6 Jalqabatti yennaa dadi dadantu, ‹Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;› 7 ‹Waan kanaaf nami tokko abba’aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan. 8 Isaan lachuu tokko te’an.› Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti. 9 Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe.