Yesuus Barxiimewoosii Ila Balla’aa Fayyise
46 Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo’oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla’aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee’eera. 47 Inni Yesuus nama biyya Naaziretii akka te’e yennaa dhage’e, «Yesuus! Ilma Daawitii naaf nayi!» jedhee iyye.
48 Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo’oon, «Ilma Daawitii, naaf nayi» jedhee iyye.
49 Yesuus dhaabbatee, «Isa as waama’a!» jedhe. Jennaan isaan namicha waamanee, «Inni si waamiisatti jira, jabaadhu! Ka’i!» jedhaneen.
50 Maarre inni geelaa10:50Geelaa: Kaabbaa kadhaa ifi irraa gatee, utaalee ka’ee, gara Yesuusii dhufe.
51 Yesuus, «Maan akka ani si’iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan deebisee, «Barsiisa’a! Ani dhaggiisaaf barbaada» jedheen.
52 Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe.