Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 11

Gogiisa Muka Harru’uu

20 Guyyaa lammeesso’oo ganama, adoo karaa san dabaranuu, harruun hidda isi’ii mara woliin goddeertuun dhaggane. 21 Pheexroos waan Yesuus harru’uun jedheeru qaabatee, «Barsiisa’a, ilaali! Harruun ati abaarte goddeerti» Yesuusiin jedhe.

22 Yesuusille deebisee, «Waaqatti dhugeeffadha’a. 23 Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, Asii ka’iitii, gara abbaaya’aa ifi darbi!yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti.11:23 Mat. 17:23; 1 Qor. 13:2 24 Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha’a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama.

25 «Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama’a.11:25 Mat. 6:14-15 [

Veja também