Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maarqoosii 12:41-44

41 Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee’ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte; 42 achiin duuba haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhuttee beesee sibiila diima’aa didiqqoo lamaan, ta gatiin isi’ii akka malee diqqo’oo keessa buutte. 43 Yesuus barattoota ifii waamee, «Ani dhugumaan isinitti hima! Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun worra dhibii mara caalaa subba kennansaa keessa buutte jedhe. 44 Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti’iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte» jedhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.