Yesuus Awwaalame
42 Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa, 43 Yoseefiin qachaa Armaatiya’aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata’aa fi dhufa mootummaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate.