3 jarri takka nama afur te’anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba’atanee gara Yesuusii fidanee dhufane. 4 Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba’aan heellichoo2:4Heellichoo: Heellichoon mana biyya Filisxeemii hin baxxatti malee, akka mana keennaa ol hin luuxxottu manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane. 5 Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
6 Barsiisoti Seera Muuse’ee ka achi tetee’aneeranu tokko tokko, 7 «Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande’a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
8 Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba’aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan? 9 Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu’utti kaso’o? 10 Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween, 11 «Ani si’iin jedha, ol ka’i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
12 Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka’ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.