22 Barsiisoti Seeraa worri Yerusaalemii dhufane ammoo, «Bi’el Zebul3:22Bi’el Zebul: Mooticha ayyaanota hamootaa isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» Yesuusiin jedhane.
23 Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, «Attamiin Seexanni Seexana baasuu dande’a? 24 Mootummaan takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti. 25 Maatiin takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti. 26 Maarre Seexannille ifi falmee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaa ti malee dhaabbachu’uuf hin dande’u.
27 «Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu’uuf hin dande’u; hidheen duuba ammoo mana isaa saamu’uuf hin dande’a.
28 «Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama. 29 Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu bara baraa te’a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.3:29 Luq. 12:10
30 Yesuus sababa kolbaan, «Inni ayyaana hamaa qaba» jetteertuuf akkana jedhe.