Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 4

3 «Caqasa’a! Namichi tokko midhaan facaasu’uuf baye. 4 Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca’e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. 5 Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca’e; lafi inni irra harca’e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe. 6 Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago’oo waan hin qanneef goge. 7 Gariin qoree keessa harca’e; qoreelle guddattee isa huute; innille midhaan hin buune. 8 Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca’e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse!4:8Kitaab gariin, gariin dachaa soddoma, gariin dachaa jaatama, gariin dachaa dhibba buuse jedha; akkas jechuun midhaan soddoma, yookiin jaatama yookiin dhibba buuse jechu’u.» jedhe.

9 Achiin duuba Yesuus, «Gurra dhage’u ka qabu dhage’uu ti» jedhe.

Veja também