Yesuus Ayyaana Hamaa Namicha Tokko Keessaa Baase
1 Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila’aatiin gama, gara biyya Gergeesa’aa dhufane. 2 Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu’een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe. 3 Namichi kun irreensota odduu le’eera; eennulle wodaroo sibiilaatiille’een isa hidhuu hin dandeenne. 4 Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukkutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne. 5 Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu irreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle’een ifi duguugaa ture.
6 Inni fago’otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee, 7 iyyee lallabee, «E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana’aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!» jedhe. 8 Yesuus isaan, «Ati ayyaana hama’a, namicha kana keessaa bayi!» waan jedheeruuf, inni akkana jedhe.
9 Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafate.
Innille, «Maqaan kiyya duula; nuuti baca’a» jedhee deebise. 10 Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate.
11 Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. 12 Maarre ayyaanoti hamooti sun, «Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!» jedhanee Yesuus kadhatane. 13 Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante.
14 Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te’e kana ilaalu’uuf dhufane.