Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartittii Woyaa Yesuusii Tuxxe
21 Yesuus deebi’ee hobolo’oon gara abbaaya’aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya’aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante. 22 Bulchitoota Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee, 23 «Intalti tiyya diqqayyittiin dhukkuffattee du’iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne’ee koyiitii harka keeti isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate.
24 Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane.
25 Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi’ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu. 26 Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne. 27 Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe. 28 Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte. 29 Yennuma san dhiigi isi’ii lola’uu lakkisee, dhibee ifii irralle’ee akka fayyite itti dhage’ame.
30 Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu’utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate.
31 Barattooti isaa, «Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» isaan jedhane. 32 Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale.
33 Dubartittiin waan isi’iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte. 34 Yesuus isi’iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle’ee fayyi» jedhe.
35 Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufanee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?» isaan jedhane. 36 Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa saniin, «Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!» jedhe. 37 Yesuus: Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisii obboleessa Yaaqoobii malee, nami tokkolle isa gula mana namichaa akka dhaquuf hin barbaanne. 38 Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi bowaa wiiccifatanu dhagge. 39 Inni mana seenee, «Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» isaaniin jedhe.
40 Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene. 41 Harka isi’ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen; akkas jechuun «Intala diqqayyoo! Ol ka’i!» jechu’u.
42 Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane. 43 Yesuus ammoo, akka isaan eennulle’etti hin hinne jabeessee seere. Achiin duuba «Waan nyaattu isi’iif kenna’a!» jedhe.