22 Bulchitoota Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee, 23 «Intalti tiyya diqqayyittiin dhukkuffattee du’iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne’ee koyiitii harka keeti isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate.
24 Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane.