Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 6

22 Intalti Heroodiyaasii ol seentee yennaa sirbite, Heroodisii fi keessummoota isaa gammachiitte. Heroodisille intalaan, «Waan barbaadde mara na gaafadhu; ani si’iif hin kennaa!» jedhe. 23 Ammalle, «Wol qixxee mootummaa tiyyaalle, waan ati na gaafatte mara si’iif hin kenna» jedhee kakate.

24 Maarre intalti gad baatee, «Maan gaafadha?» jettee haadha ifii gaafatte. Haati ammoo, «Mataa Yohaannisii cuupha’aa» jettee deebiteef.

25 Yennuma san intalti gara Heroodisii ariifattee deebitee, «Ammuma tana mataa Yohaannisii cuupha’aa qori’itti akka ati naaf kennitu barbaada» jetteen.

26 Waan kanaaf Heroodis akka malee gadde; ammoo keessumoota ifii duratti kakuu waan galeef jedhee, dubbii isi’ii diduu hin barbaanne. 27 Yennuma san Heroodis eedduu keessaa lolticha tokko ergee, mataa Yohaannisii akka fiduuf ajaje. Loltichi sun dhaqee mana hidha’aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kute. 28 Achiin duuba mataa isaa san qorii keessa keyee fidee intalatti kenne; intaltille haadha ifiititti kennite.

Veja também