35 Yennaa latti galgalootte barattooti isaa gara isaa dhufanee, «Addeen tun urma6:35Urma: Ulma, lattille dhiitteerti. 36 Gumiin tun gara olla’aa fi oorruu as aananuu kana dhaqanee, waan nyaatanu akka bitatanuuf gad lakkisi!» jedhane.
37 Yesuus deebisee, «Isin waan nyaatanu isaaniif kenna’a!» jedhe. Isaan ammoo, «Dhandhee mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun6:37Mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun: Beesee dinaaraa dhibbaan daabboo binnee isaanii kenninaa ree?» jedhanee gaafatane.
38 Jennaan inni, «Daabboo meeqa qaddan? Dhaqa’aatii ilaala’a!» isaaniin jedhe. Isaan meeqa akka teete beekaneen duuba, «Daabboo xaltaa lama» jedhaneen. 39 Yesuus akka isaan namoota maraa cinna cinnaan marra bisilee irra teessisanu barattoota ifiititti hime. 40 Isaanille cinna dhibba dhibbaan, shantama shantamaan tee’ane.
41 Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara ol-gubba’aa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo’oo san caccassee, kolba’aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute. 42 Nami maraayyuu nyaatee quufe. 43 Barattooti isaa hambaa daabbo’ootii fi qurxummi’ii kollonjoo kudhanii lama mijuu fuudhane. 44 Kolbaan sagalee san nyaatte dhiirti callaanuu kuma shan.