Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 6

48 Bubbeen gara isaanii waan bubbitteef, shaffisa’aan bisaan gurduummataa6:48Gurduummataa: Laaqataa rakkataa akka turane dhagge. Halkan gara iyya lukku’uu ta lammeesso’ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara isaanii dhufee, cinaa isaanii akka dabaruu te’e.

49 Yesuus bisaan gubbaa ideemuun barattooti yennaa dhaggane, ekeraa seyanee iyyane. 50 Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha’a! Wonni Ana; hin sodaatina’a!» isaaniin jedhe. 51 Inni hoboloo isaanii yaabee jennaan, bubbeen cadhitte. Barattooti akka malee baaseffatane.

Veja também