11 Isin ammoo nami abba’aa fi haadha ifii gargaaru’uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te’eera› akkas jechuun Waaqaaf kennameera yoo jedhe, 12 duuba inni deebi’ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu. 13 Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu’uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe.
Waan Nama Batteessu
14 Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, «Isin martinuu waan ani jedhu caqasa’aatii hubadha’a! 15 Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa. [