Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa
24 Yesuus achii deemee gara biyya Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barbaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne. 25 Dubartiin takka, ta intalti isi’ii ayyaana hama’aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde. 26 Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiqee jedhantu ta biyya Sooriya’aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi’ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte. 27 Yesuus ammoo, «Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle’ee fuudhanee sare’eef qolaansuun dansa’aa moti» isi’iin jedhe.
28 Isiin ammoo deebittee, «Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle’ee keessaa harcaate nyaatti» jetteen.
29 Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi’iin jedhe. 30 Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi’ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite.