Pular para o conteúdo
Publicidade

Marcos 7

Yesuus Namicha Gurra Duuda’aa Fayyise

31 Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiiroosiitii ka’ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila’aa dhaqe. 32 Jarri takka, namicha gurra duuda’aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte.

33 Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe; 34 gara ol-gubbaaa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, «Efaataa» isaan jedhe. Akkas jechuun, «Banami!» jechu’u. 35 Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate.

36 Yesuus waan kana nama tokkolle’etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane. 37 Worri dhage’ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa’a! Worri gurra duude akka dhage’u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane.

Veja também