17 Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisa’a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera. 22 Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne’ee nu’uuf nayiitii nu gargaar» jedhe.
23 Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande’anti» jedhee deebise.
24 Yennuma san abbaan muca’aa, «Ani dhugeeffannaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen.