36 Achiin duuba Yesuus daa’ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee, 37 «Eennulle ka daa’ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, na fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata malee na calla’aa moti» isaan jedhe.
Publicidade