Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 11

Qachoota Hin Dhugeeffanne

20 Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le’anu, waan isaan cubbuu irraa deebi’uu didaneef komate. 21 «Aanne’e si’iif, Koraaziin! Aanne’e si’iif, Betsayida’a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera’aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu. 22 Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura’aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif irra kasoo teeti. 23 Atille Qifirnaahoom, haga gubba’aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile’ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu. 24 Maarre ani sitti hima, guyyaa mura’aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti» jedhe.11:24 Mat. 10:15; Luq. 10:12

Veja também