10 namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?» jettee isa gaafatte. 11 Yesuus deebisee, «Isin keessaa nami hoolee takkaa qabu, guyyaa Sanbataatiin yoo isiin boolla buute, achi keessaa fuudhee alatti hin baasuu?12:11 Luq. 14:5 12 Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma» jedhe. 13 Achiin duuba Yesuus namicha harka laashoween, «Harka keeti diriirsi» jedheen. Namichille yennaa harka diriirfate, harki fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii te’e.