Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 13

3 Inni mammaassaan waan hedduu isaanitti himiisaaf ka’ee, «Caqasa’a! Nami tokko sanyii facaasiisaaf baye. 4 Inni adoo facaasuu, sanyiin gariin karaa keessa harcaate, sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. 5 Sanyiin dhibiin lafa dhakittii, addee biyyee guddoo hin qanne irra buute; biyyee gad fago’oo waan hin qanneef ariifattee muute. 6 Yennaa aduun itti baate ammoo qoorte; hidda gad fagaate waan hin qanneef godde. 7 Sanyiin gariin qoree keessa buute, qoreelle guddattee isii huute. 8 Sanyiin dhibiin biyyee dansaa irra buute, gariin midhaan dhibba, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan soddoma buutte. 9 Nami gurra qabu dhage’uu ti!» jedhe.

Veja também