Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 13

Yesuus Mammaassa Marroo Jigida’aa Hiike

36 Achiin duuba Yesuus gumii lakkisee mana seene. Barattooti isaalle gara isaa dhikaatanee, «Mammaassa jigidaa fichaa qamadi’ii keessaa nuu hiiki» jedhaneen.

37 Yesuus deebisee, «Ka sanyii dansaa facaasu Ilma Namaa ti; 38 fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; 39 diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti. 40 Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle’etti akkasuma hin teeti. 41 Ilmi Namaa ergantoota ifii hin erga; isaanille worra sababa cubbu’uu te’ee fi worra hantuu huju mara mootummaa isaa keessaa wolitti qabanee, 42 addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti isaan gatan. 43 Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu’uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage’uu ti!» jedheen.

Veja também