Mammaassa Karra Dhokatteertuu
44 Yesuus, «Mootummaan ol-gubba’aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate.
45 «Ammalle, mootummaan ol-gubba’aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti; 46 daldaltichi dooqa gatii gudda’aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate.