Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 14

Yesuus Nama Kuma Shanii Areere

13 Yesuus du’a Yohaannisii yennaa dhage’e, addee san lakkisee qofuu hobolo’oon addee qoommi’ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte. 14 Yesuus qarqara abbaaya’aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise.

15 Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen. 16 Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna’aaf!» jedhe. 17 Isaan deebisanee, «Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna» jedhane. 18 Yesuus, «Sanuma gara kiyya as fida’a!» jedhe. 19 Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxumii lama fuudhee, gara ol-gubbaaa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi’iif kennane. 20 Isaan martinuu nyaatanee quufane; hambaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane. 21 Worri nyaate dubarti’ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.

Veja também