Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme
22 Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu’anu godhe. 23 Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu; 24 yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali’iin asii fi achi dadarbante. 25 Halkan gara iyya lukku’uu ta lammeesso’ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe. 26 Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, «Kun ekera’a» jettee soda’aan iyyite. 27 Yennuma san ammoo Yesuus, «Jabaadha’a! Wonni anaa, hin sodaatina’a!» jedhee dubbate.
28 Pheexroos deebisee, «Gootta’a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji» jedheen. 29 Yesuus deebisee, «Koy!» jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe. 30 Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, «Gootta’a, na fayyisi!» jedhee iyye. 31 Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, «Ati nama dhugeeffannaa diqqo’oo! Maaf mante?» jedheen. 32 Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise. 33 Worri hoboloo keessaa, «Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti» jedhee Yesuusiif sagade.