Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 15

Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa

21 Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqe. 22 Achiin duuba dubartiin biyya Kana’aanii takka adaala sanii dhuttee, «Ilma Daawitii, Gootta’a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marari» jedhaa iyyite. 23 Inni ammoo womaa isi’iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, «Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!» jedhaa isa kadhatane.

24 Yesuus deebisee, «Ani worra akka hoole’ee bade kolbaa Israa’elii qofaaf ergame» jedheen.

25 Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, «Gootta’a, na gargaar» jetteen. 26 Yesuus deebisee, «Sagalee ijoolle’ee fuudhanee sare’eef qolaansuun sirri’ii moti» jedheen.

27 Isiin deebittee, «Ee, Gootta’a, te’uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca’u nyaatti» jette.

28 Achiin duuba Yesuus deebisee, «Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo’o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu» jedheen. Intalti isi’iille yoosuma fayyite.

Veja também