3 Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? 4 Waaqi, ‹Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du’uu qaba› jedhee ajajeera. 5 Isin ammoo nami tokko abba’aan yookiin haadhaan, ‹Qarqaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera› yoo jedheen, 6 inni ‹Abba’aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu› jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan.