3 Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? 4 Waaqi, ‹Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du’uu qaba› jedhee ajajeera. 5 Isin ammoo nami tokko abba’aan yookiin haadhaan, ‹Qarqaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera› yoo jedheen, 6 inni ‹Abba’aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu› jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan. 7 Isin kijiboole’e! Isaayaas marroo teessaniif raagee,
8 «‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti,
gadhaan isi’ii narraa fago’o.
9 Kolbaan tun ajaja namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa,
akkasumaan na waaqonsiti› ta jedhe dhuga’a» jedhe.