Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 15

Yesuus Nama Kuma Afur Areere

32 Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef nayeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu» jedheen.

33 Barattooti, «Lafa goomole’ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. 34 Yesuus, «Xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafate. Isaan, «Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna» jedhaneen.

35 Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje. 36 Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba’aaf kennane. 37 Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane. 38 Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur.

Veja também