Uukoo Fariisaayotaatii Fi Saduqootaa
5 Barattooti yennaa abbaaya’aan gamatti bu’ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran. 6 Yesuus, «Ilaalladha’a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha’a» isaaniin jedhe. 7 Isaan wol woliin, «Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha» jedhane. 8 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan? 9 Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? 10 Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu?16:10 Mat. 15:34-38 11 Marroo daabbo’oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha’a!» isaaniin jedhe. 12 Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo’oo irraa adoo hin te’in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachiise hubatane.