Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 17

Yesuus Mucaa Ayyaana Hama’aan Qabame Fayyise

14 Yennaa Yesuusii fi barattooti isaa sadiin gara gumi’ii deebi’ane, namichi tokko dhufee, Yesuus duratti jilbiiffatee, 15 «Gootta’a, mucaa kiyya mararfadhu, inni dhukkuba gaggaddu’uu17:15Gaggaddu’uu: Gaggaddo’oo waan qabuuf guddoo rakkatiisatti jira; inni yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti jiga. 16 Ani gara barattoota teetii isa fidee, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne» jedhe. 17 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin dhugeeffannee fi dabaalessa! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida’a!» jedhe. 18 Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye.

Veja também